Dhaabbileen barnootaa fi leenjii qorannoon gaggeessan akkuma jirutti ta’ee humna diippiloomaasii ta’uutu irraa eegama jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2012 (FBC) – Dhaabbileen barnootaa fi leenjii qorannoon gaggeessan akkuma jirutti ta’ee humna diippiloomaasii ta’uutu irraa eegama jedhame.

Dhaabbileen barnootaa fi leenjii humna namaa ga’aa oomishuu fi qorannoo gaggeessuun isaanii akkuma jirutti ta’ee, humna diippiloomaasii ta’uun akka isaan irraa eegamu ministir deettaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Kifleen ibsaniiru.

Fooramiin mata duree “barnoota yuunvarsiitii fi leenjii fi ogummaa teeknikaa tarkaanfii tokkoo gara fuula duraatti adeemsisuuf hoggansa cimaa” jedhuun guyyaa har’a Finfinneetti gaggeefameera.

Waltajjiirratti haasaa baniinsaa kan taasisan Dooktar Saamu’eel Kifleen, dhaabbileen barnootaa fi leenjii humna namaa ga’aa oomishuun rakkoo furuu fi oomisha indaastirii kan guddisu akkasumas qorannoo qonnaa keenya ammayyeessuun akka jirutti ta’ee humna diippiloomaasiii ta’e akka itti fufuun irraa eegama jedhaniiru.

Hidha Haaromsaatin wal qabatees furmaata mariin dhufu keessatti faayidaa biyyaaf bu’aa gaariin akka argamu dhaabbileen barnoota ciminaan hojjeechuu qabu jedhameera.

Dooktar Saamu’eel, hariiroo yuunvarsiitii fi barnoota leenjii teeknikaa fi ogummaa cimsuuf ministeerichi xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu himaniiru.

Guyyaa har’aa kan eegale waltajjichi guyyoota lamaaf kan itti fufu ta’uu ragaan ministeerichaa argame ni muul’isa.

 

Comments (0)
Add Comment