Finfinnee, Bitootessa 24, 2013 (FBC) – Dhaabbileen barnoota olaanoo qophii sanada waliigaltee bilisaa ilaalchisuun qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’ateera.
Waltajjii marichaarratti Ministiri Deettaa Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Profesar Afawarqi Kaasuu erga dabarsaaniin, jijjiirama wayita mmaa jiruun labsii yeroo darbe kennaman raawwachiisuuf kan hin milkoofne tahuun, raawwachiisuuf kan hindanda’amne tahuus ibsaniiru.
Ministirri Deettaa Ministira Barnoota Dooktar Saamu’eel Kiflee dhaabbileen olaanoo fi dhaabbileen leenjii itti gaafatamumaan yoo hin barreessine, yaada isaanii bilisaan yoo hin ibsanne, yoo hin qoranne fi riiformiin yoo hin gaggeeffamne qormaata yaada gogaa ta’anii itti fufuu danda’u jedhaniiru.
Qophii sanadichaa ilaalchisuun ibsa kan laatan Jenaraala Daayreekatariin Giddugala Tarsiimoo Barnoota Olaanoo Dooktar Haabtaamuu Takkaa gama isaaniin, giddugalichi bulchiinsa dhaabbatichaa, faayinaasii, humna namaa fi dhimmoota akkaadamii gaggeessuuf faayidaa olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.