Dhaabbileen barnoota olaanoo barattoonni eebbifamoon mooraa akka seenaniif waamichi dhiyaate yeroof akka turuu taasifame

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2013 (FBC)- Dhaabbileen Barnoota olaanoo barattoonni eebbifamoon Onkololeessa 23, 2013 irraa eegalee mooraa seenuun gabaasaa akka laataniif waamichi dhiyeessaan yeroof akka turu taasifamuu Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo beeksise.

Ministeerichi ibsa EBCf ergeen yuunvarsiitiiwwan mootummaa hundi waamicha barattootaa eebbifamoof taasisan sababa rakkoo nageenyaa biyyaatti muudateen yeroo hin beekamneef akka turuuf taasifamu ibsameera.

Haaluma kanaan barattoonni yuunvasiitiisaanii ga’aan mooraadhuma keessaa akka turaanii fi yaadachisa laatamuuf hordofuun akka socho’aan ibsameera.

Ministeerichi hanga ammatti barattoonni maatii isaaniirra adda hin baanee ammoo hanga beeksisni jijjiirrama laatamutti bakkuma jiraan akka turan yaadachiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment