Finfinnee, Onkololeessa 25, 2017 (FBC)- Dhaabbilee Amantaalee finxaaleessummaa fi yaadama qoodiinsa qabu dhabamsisuuf murannoon hojjechuu akka qaban Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen ibsan.
Yaa’iin dhaabbilee Amantaalee biyyaalessaa Qindeessummaa Ministeera Nageenyaa fi Emireetoota Araba Gamtoomanitti kan argamu Yuunivarsiiti Mahammad Biin Zaayiid ‘For Humanity’n qopheessaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Yaa’icharrratti Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee, Ministirri Ministeera Nageenyaa Binnaalf Andu’alem, Chaansirala Yuunivarsiitii Mahammad Biin Zaayiid For Humanity Dooktar Kaliifaa Mubarak , Abbootiin Amantaalee, hoggantoonni Yaa’ii dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.
Akkasumas Yaa’ii Dhaabbiilee Amantaalee biyyaalessaa fi Idil Addunyaa kannarratti hirmaattoonni biyyoota Afrikaa Bahaa, Raashiyaa, Moorookoo, Afrikaa Kibbaa fi keessummoonni waamichi taasifameef biroon argamaniiru.