Dhaabbileen Amantaa nageenya buusuuf qooda isaanii ba’u qabu jedhame

Finfinnee, Hagayya 19, 2013 (FBC) – Abbootiin amantaa dhaabbilee amantaa magaalaa Finfinneetti argaman hunda keessaa walitti babba’an dhimmoota waqtaawarratti mari’ataniiru.
Marichi qopheessummaa Yaa’ii Dhaabbilee amantaa magaalaa Finfinneen kan qophaa’e yoo ta’u ‘Duudhaalee waloo amantaalee nageenyaa fi tokkummaa biyyaalessaaf’ mata duree jedhuun gaggeeffame.
Dhaabbileen Amantaa, hoggantoonni, Abbootiinii fi barsiisonni amantaa dhaloota qaruu, hariiroo hawaasaa cimsuu, tokkummaa biyyaalessaa fi walitti dhufeenya ummataa dhimmoota cimsanirratti hordoftoota isaanii barsiisuu akka qaban maricharratti ka’eera.
Dhaabbileen amantaa haala rakkisaa biyyi yeroo ammaa keessatti hubachuun nageenyi akka bu’u qooda isaanii ba’uu akka qaban ibsameera.
Waltajjichi Birmadummaa ummataa fi biyyaaf ga’een dhaabbilee amantaa, Paablik Dippiloomaasii, hirmaannaa lammiilee fi ololli sobaa dhiibbaa qaqqaabsiisu mata dureewwan jedhuun gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment