Dhaabbileen amantaa Ityoophiyaa dhaabbata muul’ata waloo cimaarratti hundaa’e uumuu qabu – MM FDRI Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 7, 2012 (FBC) – Dhaabbileen amantaa Ityoophiyaa dhaabbata muul’ata waloo cimaarratti hundaa’e uumuu akka qaban Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahiman yaadachiisan.
 
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad dureewwan amantaa Ortodoksii Tawaahidoo, Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa, Kaatooliikii fi Kaawunsilii Amantoota Wangeelaa Ityoophiyaa waliin har’a mari’ataniiru.
 
Marii kanaanis duudhaalee waloo fayyadamuun dhalootaa uumaa sodaatu, biyyaa fi ummata fayyadu horachuun barbaachisaa ta’uu Dooktar Abiy ibsaniiru.
 
Dhaabbileen amatanaa dhaabbata cimaa kaayyoo kanaa galmaan ga’uu danda’u uumuu akka qaban yaadachiisaaniiru.
 
Ityoophiyaan amantaalee hunda keessatti hayyoota amantaa beekkumsa afuuraa fi addunyaan ga’umsa qaban, seenaa fi umuriin bilchaatan qabaattus dhaabbata cimaa hundeessuurratti garuu haalan itti hin fayyadamne jedhan.
 
Biyyi beekkumsa fi qabeenya qabdurraa akka fayyadamtu taasisuu qabu jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.
 
Dabalataan dhaabbileen kanneen sagalee hin qabneef sagalee ta’uu akka qaban ibsaniiru.
 
Dhaabbileen amantaa Ijaarsa nageenyaa keessatti hirmaachuu, yeroo rakkoo waliin hojjechuu, nageenya ummataa tasgabbeessuuf dhama’u fi muuxxannoo tajaajiltummaa dabarsuu qabu jedhan.
 
Dhaabbata amantaa cimaa ta’e hundeessuun barbaachisaa ta’uu dureewwan amantaa kunneen walii galuu isaanii ibsameera.
 
Alaazaar Taaddalaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment