Dhaabbileen Amantaa duudhaalee waliin jireenyaa fi nageenyaa caalaatti cimsuuf gamtaan hojjechuu qabu jedhame

Finfinnee, Bitootessa 29, 2014 (FBC) – Dhaabbileen Amantaa duudhaalee waliin jireenyaa fi nageenyaa caalaatti cimsuuf gamtaan hojjechuu akka qaban waamichi dhiyaateera.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee waldanda’uu amantaalee ilaalchiisuun Abbootii dhaabbilee amantaa garaagaraa waliin mari’ateera.

Mariin kunis ‘duudhaa wal danda’uu amantaa abootiin keenya eeganii nu dhaalchisan itti fufsiisuuf itti gaafatamummaa qabna, dhaabbileen amantaa bu’uura ijaarsa nageenyaati’ mata duree jedhuun gaggeeffameera.

Maricharrattis dhaabbileen amantaa duudhaalee waliin jireenyaa fi nageenyaa, akkasumas haqummaa fi dhiifama caalaatti jajjabeessuuf gamtaan hojjechuu akka qaban waamichi dhiyaateera.

Marii Biiroon Kominikeeshinii magaalaa Finfinnee fi Yaa’iin dhaabbilee amantaa magaalichaa waliin ta’uun qopheessan kanarrattis Hogganaa Biirichaa Obbo Yoonas Zawdee dabalatee, Abbootiin amantaa, Abbootiin Gadaa fi kanneen biroo hirmaataniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment