Finfinnee, Caamsaa 3, 2015 (FBC)- Kutaalee fi sirnoota komunikeeshinii ismaartii dhaabbilee federaalaa shaniitti ijaaraman eebbifamuun hojii eegalaniiru.
Deeggarsa maallaqaa Baankii Addunyaa fi qindoomina Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiitiin kan ijaaraman kutaaleen ismaartii kunneen, teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun hariiroo hojii salphaa fi gahumsa qabuuf akka tumsu himameera.
Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Alii, kutaalee kominikeshinii ismaartii fi sirnichi hojii eegaluun Dijitaal Ityoophiyaa dhugoomsuuf hojiilee hojjetamaniif ni gumaacha jedhan.
Fuuldurattis, biiroolee pireezidaantotaa akkasumas dhaabbilee federaalaa filataman 20’tti kutaalee kominikeeshinii ismaartii ijaaruun itti fufa jedhaniiru.
Sirnichi qaamaan walitti dhufuu hambisuun saffisan hojiilee hojjechuuf, leenjii fi walga’ii gaggeessuuf akkasumas bobbii kennuuf akka tumsu dubbataniiru.
Boqonnaa jalqabaan kan ijaaraman, Ministeeraa Innooveeshinii fi Teeknooloojii, Miisteera Maallaqaa, Ministeera Barnootaa, Neetwoorkii Qo’annoo fi Barnootaa Ityooophiyaa, Waajjiraa Muummee Ministiraa, Waraqaa Eenyummaa Dijitaalaa fi Abbaa Taayitaa Kominikeeshinii Ityoophiyaaf ta’uun eerameera.
Boqonnaa 2ffaan ammoo dhaabbilee federaalaa 20’tti akka ijaaramu ibsaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.