Dhaabbilee fayyaa deebisanii ijaaruu fi suphuun tajaajila idilee akka kennan taasifamuu eerame

Finfinnee, Sadaasa 13, 2016 (FBC)- Raawwii damee fayyaa kurmaana jalqabaa bara 2016’n dhaabbilee fayyaa deebisanii ijaaruu fi suphuun %95 tajaajila idilee akka kennan taasifamuu eerameera.

Raawwiin kurmaana jalqabaa 2016 damee fayyaa Bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gamaaggamameera.

Waltajjicharratti damee fayyaan eegumsa fayyaa haadholii fi daa’immaniin akkasumas raawwii karoora maatiin hojiileen bu’aa qabeessaa hojjetamuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Daa’imaan talaallii hinargatin kuma 243 talaalamuu, fayyaa haadholii eegsisuuf hojiilee hedduun hojjetamuu ibsaniiru.

Tajaajila da’umsaan walqabatee buufataalee fayyaa 106 tajaajila baqaqsanii wal’aanuu kennaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhibeewwan HIV/AIDS, Tiibii fi dhibeewwan daddarboo hintaanee ittisuuf akkasumas tatamsa’ina busaa ittisuuf deebii qindaa’aan kennamuu himaniiru.

Dhaabbilee fayyaa miidhaan irraa ga’es irraa deebiin ijaaruu fi suphuun %95 ol tajaajila idilee akka kennan taasifameera jechuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment