Dhaabbilee daldalaa seeran ala daballii gatii taasisanirratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2012(FBC) – Magaalaa Finfinneetti dhaabbilee daldalaa seeran ala daballii gatii taasisan kuma 6 olirratti tarkaanfiin fudhatamu ibsame.
 
Sababa weerara vaayrasii koroonaan dhaabbilee daldalaa seeran ala daballii gatii taasisanirratti tarkaanfii fudhachuu Biiroon Daldalaa magaalaa Finfinnee beeksise.
 
Dhaabbilee daldalaa kuma 6 fi 165 tarkaanfiin irratti fudhatame keessaa 115 himanni irratti banamee dhimmi isaanii mana murtiin ilaallamaa jiraachuu hogganaan Biiroo Daldalaa magaalaa Finfinnee obbo Abduulfattaa Yeesuuf ibsaniiru.
 
Ammas dhaabbilee qajeelfama labsii yeroo ariifachiisaa eeguun hojii isaanii hin hojjennerratti tarkaanfiin fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu obbo Abduulfattaan ibsaniiru.
 
Shamattoonni qajeelfama weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’e eeguun hojjechuu akka qabanis yaadachiisuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetaariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment