Dhaabbilee daldalaa olaanoo fi xixiqqaa ta’an, waajjiraaleen mootummaa fi dhuunfaan gara sochii idileetti galaniiru

Finfinnee,Waxabajjii 26,2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti dhaabbilee daldalaa olaanoo fi xixiqqaa ta’an, waajjiraaleen mootummaa fi dhuunfaan gara sochii idileetti galaniiru.

Magaalichatti Faanaa Broodkaastiingi Koorporeet bakkeewwan garagaraatti sona taasiseen dhaabbilees ta’ee sochiin gejjibaa haala gaariin gaggeeffama jiraachu ilaaleera.

Itti aanaan Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa sochiin magaalichaa gara sochii idileetti akka deebi’u ibsuun isaanii ni yaadatama.

Kanumaan walqabatee dhaabbileen hojii isaanii gaggeessaa kan turan yoo ta’u, haaluma walfakkatuun dhaabbileen daldalaa gara sochii idileetti deebi’aniiru.

Magaalichatti awutobisii Ambasaa fi gejjiba Shaggar dabalatee taaksiiwwan tajaajila gejjibaa kennaa jiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment