Dhaabbilee daldalaa 25,300 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Bitootessa 30, 2012 (FBC) – Sababii tamsa’ina vaayrasii koroonaatin daballiin gatii hin malle akka hin taasifamne hojjetamaa jiraachuun ibsame.
 
Gareen tasgabbii gabaa biyyoolessaa hojiilee hojjetamanirratti guyyaa har’aa gamaaggama gaggeessera.
 
Daldaltoonni haala yeroo hubachuudhan hawaasa cinaa akka dhaabbatan waamicha kan dhiyeesse garichi, haala ammaa kana tumsaan keessa darbuun barbaachisaa ta’uus hubachiisera.
 
Daldaltootaa fi oomishtoota daballii gatii hin malle taasisanirratti tarkaanfin fudhatamaa kan jiru yammuu ta’u, kana boodas taanan tarkaanfii walfakkaatan kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru.
 
Manneen karambullaa, puulii, manneen dhugaatii, manneen dhiichisaa fi kanneen biroo bakki namoonni itti walitti qabaman cufamaniit turan jedheera.
 
Amma ammaatti dhaabbilee daldalaa 25,300 irratti tarkaanfin kan fudhatame yammuu ta’u, dhaabbilee 1,684 irratti ammoo himannaan banameera.
 
Abbootiin qabeenyaa dhaabbilee 153 ammoo hidhaadhan adabamaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment