Dhaabbilee Daldala Elektirooniksiirratti hirmaataniif naannawaa hojii mijataa uumuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Hagayya 23, 2015 (FBC) – Dhaabbilee Daldala Elektirooniksiirratti hirmaataniif naannawaa hojii mijataa uumuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii beeksiise.

Mariin rakkoo daldala damee Elektirooniksii mudatuu fi furmaata isaarratti xiyeeffate magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Aadde Huuriyaa Aliin, daldala damee Elektirooniksii babal’isuu keessatti qoodni damee dhuunfaa olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Mootummaa, Dameen dhuunfaa fi hawaasni Siiviilii qindoominaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Waljiijjjiiraan odeeffannoo fi daddabarsi maallaqaa elektirooniksiin taasiifamu karaa seera qabeessan akka raawwatu labsiin daldala elektirooniksii ragga’ee hojiirra ooluun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment