Dhaabbilee Chaayinaa Ityoophiyaatti hojii invastimantiirratti bobba’an waliin mariin gaggeeffame

Finfinne, Sadaasa 8,2015 (FBC)- Dhaabbilee Chaayinaa Ityoophiyaatti hojii invastimantiirratti bobba’an waliin mariin gaggeeffamuu ibsame.

Waltajjichi rakkoolee adeemsa oomishaarratti dhaabbilee kanneen mudataniifi gaaffii seeraafi imaammata mootummaarratti qaban irratti deebii kennuurratti kaayyeffachuu eeramera.

Maricharratti Komishinarri Komishinii Invastimantii Lalisee Namee, Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa aadde Samaareetaa Sawaasawu akkasumas Ittaanaan Komishinara Komishinii Invastimantii obbo Tamasgeen Xilaahuun gaaffilee abbootii qabeenyaa kanneen irraa ka’aniif ibsa laachuu ibsameera.

Dhaabbileen hojii deeggarsaafi hordoffii cimaa ta’e waloon kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.

Imbaasii Chaayinaa Ityoophiyaatti Coonsilarri Ministira Dhimmoota Diinagdeefi Daldalaa Yaang Yihaang gamasaaniin, mootummaan Chaayinaa hariiroo tarsiimawaa diinagdee biyyoota lameenii cimsuuf kutannoo qabaachuu ibsuusaanii ragaan Komishinii Invastimantiirraa argame nu mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment