Dhaabbilee barnootaa olaanoo miidhaman dandeettii guutuun gara hojiitti galchuuf hojjetamaa jira – Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC) – Dhaabbilee barnootaa olaanoo miidhaman dandeettii guutuun gara hojiitti galchuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksiise.

Qophii dhaabbilee kanneenii keessatti qooda fudhattoota hirmaachisuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Saamu’eel Kifleen ibsaniiru.

Adeemsa baruu fi barsiisuu Yuunvarsiitiwwan Walloo, Waldiyaa fi Maqdalaa Ambaan eegalan deeggaruuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Dhaabbilee kanneen deebisanii ijaaruu cinaatti hojiileen qorannoo xinsammuu murteessaa ta’uu isaan, ogeeyyiin xinsammuu, abbootiin amantaa fi kanneen biroo hojjetaman hojiitti hiikkachuu akka qaban Dooktar Saamu’eel gaafataniiru.

Awwal Abarraatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment