Finfinnee, Mudde 30, 2017 (FMC) – Dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa irra deebiin akka galmaa’an waamichi dhiyaateefii osoo hin galmaa’ina hafan 84 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii beeksise.
Hojmaanni kenniinsa eeyyamaa walfakkaatu hojiirra akka oolu Dhaabbileen Barnootaa Olaanaa Dhuunfaa Irra deebiin akka galmaa’an hojjetamaa jiraachuu Abbaa taayitichaatti Hojii Raawwachiiftuun Hariiroo ummataa fi Kominikeeshinii Maartaa Admaasuun Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif himaniiru.
Dhaabbileen Barnootaa Olaanoo dhuunfaa kunneen irra deebiin Galmee akka raawwatan kan barbaachise sanada dogongoraa yoo qabaatan akka sirreessanii fi kan hir’ate yoo jiraate akka guutaniif ta’uu dubbataniiru.
Dhaabbilee waamichi dhiyaateef 102 keessaa 84 galmee irra deebiin kan hin galmoofne ta’uu isaaniin dhaabbileen kunneen fedhii isaaniin adeemsa baruu fi barsiisuu keessaa akka of baasanitti kan ilaallaman ta’uu eeraniiru.
Adeemsa baruu fi barsiisuu keessaa bahuu isaanii foormii akka guutaan torbeen lama kennamuufii himaniiru.
Dhaabbileen 5 qofti adeemsicha kan eegalan ta’uu eeruun, kanneen gara hojichatti hin seenne yakkaan kan gaafataman ta’uu dubbataniiru.
Dhaabbileen Barnootaa Olaanoo Dhuunfaa kunneen galmeen kana booda gaggeessan kan hin jirree fi gara adeemsa baruu fi barsiisuttis hin deebi’an jedhan.
Yeroo itti aanus dhaabbilee Barnootaa Dhuunfaa 9 irratti tarkaanfiin walfakkaatu kan fudhatamuu ta’uu himuun, Barattoonni dhaabbilee 84 kanneen keessatti barachaa turan ragaalee barbaachisu guutuun hanga Amajjii 30, 2017tti gara dhaabbilee eeyyama qabanitti akka jijjiiraman ajajni kennamuu Abbaa taayitichaatti Hojii Raawwachiiftuun Hariiroo ummataa fi Kominikeeshinii Maartaa Admaasuun ibsaniiru.
Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia