Dhaabbilee barnoota olaanoo qajeelfama cabsan 7 irratti tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC) – Dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa qajeelfama cabsan 7 irratti tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuu Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii beeksise.

Abbaan taayitichaa eeruu hawaasaa ka’umsa godhachuun dhaabbilee kanneenirratti daawwannaa tasaa taasisen kaampaasiiwwan dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa 7 irratti tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu beeksiseera.

Haaluma kanaan:-

  1. Kolleejjii BST Kaampaasii Gincii
  2. Riift Vaalii Yuunvarsiitii Kaampaasii Hoosaanaa
  3. Kolleejjii Greet Viizhin kaampaasii Hoosaanaa
  4. Kolleejjii Zaakboon kaampaasii Shaashamannee
  5. Kolleejjii Birahaan Kaampaasii Dabra Birhaan
  6. Kolleejjii Yoom Kaampaasii Hawaasaa fi
  7. Kolleejjii Laaraadaa Kaampaasii Dabra Birhaan irratti tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuu abbaan taayitichaa beeksiseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment