Finfinnee, Caamsaa 2, 2015(FBC)- Dhaabbilee Barnoota dhuunfaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetan ni tumsina jedhan Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon.
Biiroon Barnootaa Oromiyaa waldaa Aksiyoona Barnootaa Waliif waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessuu ibsameera.
Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon, Mootummaan Naannoo Oromiyaa baajata isaa olaanaa barnootaaf ramadee hojjechaa jiraatus, ammallee qulqullina barnootaarratti ciminaan hojjechuu gaafata jedhaniiru.
Waliigalteen waldicha waliin qulqullina barnootaa irratti hojjechuuf mallatteessanis biirichi dhaabbilee barnoota dhuunfaa jajjabbeessuuf kan hojjetu ta’uusaaf agarsiiftuu ta’uu ibsuusaanii OBN gabaaseera.
Hojii gaggeessaa olaanaan waldichaa obbo Gololchaa Barii, Kaayyoon waldichaa Oromiyaa keessatti qulqullina barnootaa mirkaneessuufi daa’imman aadaafi seenaa isaaniin akkasumas barnootaan cimoofi sadarkaa Idil Addunyaatti dorgomaa ta’an horachuuf ta’uu ibsaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.