Dhaabbiileen Misooma Naannoo Oromiyaa humna si’eessituu misooma naannoo keenyaati- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) – Dhaabbiileen Misooma Naannoo Oromiyaa humna si’eessituu misooma naannichaa ta’uu Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo  Shimallis Abdiisaa ibsan.

Mariin adeemsa hojii dhaabbiilee misooma naannoo Oromiyaa fi fedhii mootummaa naannichaarratti fuulleffate, bakka  Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo shimallis Abdiisaa argamanitti gaggeeffamaa jira.

Dhaabbileen Misoomaa Naannoo Oromiyaa si’eessituu hojiilee misooma naannichaa waan tahaniif,Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiiwwaan dhaabbilee kanneeniin hojjetaman qindeessuun itti fayyadamuuf hojjetaa jiraachuu eeruun,marii kanaan hir’inootaafi ciminaalee jiran adda baasuun kallattiin hojii fuula duraa kan kennamu ta’uu dubbachuu ragaan Waajjira Preezdaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment