Dhaabbiilee Fayyaa miidhaan irraa qaqqabeef deeggarsi taasifame

Finfinnee, Hagayya 14, 2016 (FBC) –Dhaabbiilee Fayyaa balaawwan umamaa fi namtolcheen miidhaan irra qaqqabeef kan ooluu deeggarsi meeshaalee wal’aansa fi qorichaalee Birrii miiliyoona 3.4 ol deeggarsa taasifame.

Deeggarsicha kan taasisee Dhaabbata Mootummootaa Gamtoomaniitti Dhaabbata Deeggarsa Daa’immanii (Yuuniseef) yoo ta’uu deeggarsichi Naannoolee, Oromiyaa ,Afaar ,Amaaraa,Tigraay fi Kibba Itiyoophiyaatti dhaabbiilee Fayyaa miidhaan irra qaqqabeetti hojiiraa kan ooluu ta’uun ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan ,deeggarsi taasifamee qaama sagantaa ‘Care for health “ Ministieerri Fayyaa fi Yuuniseef hojirraa oolchaa jiranii ta’uu himaniiru.

Comments (0)
Add Comment