Dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa Godina Jimmaa

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2016 (FBC) – Godinichaatti sagantaa ashaaraa magarisaa bara kanaan biqiltuu gosa gara garaa biiliiyoonni 1.2 kan dhaabatu ta’uu Waajjirri Qonnaa godina Jimmaa ibseera.

Biqiltuun bara darbee dhaabate keessaa 90% latuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa Obbo Mahammedxaha Abba Maccaa dubbataniiru.

Mancaatii bosonaa hir’isuun Uwwisa Bosona dabaluuf hojjetamaa jiraachuu Bulchaan godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir himaniiru.

Biqiltuu waggoottan shanan darban dhaabatanirraa bu’a guddaa argamaa jiraachuus himaniiru.
Alidaan Mahammeditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment