Finfinnee, Waxabajjii 16, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Idil Addunyaa Booyiing jedhamu Paarkii Indaastirii keessatti oomishuuf fedhii qabaachuu ibse.
Hoggantoonnii fi ogeeyyiin dhaabbilee Booyiing, Iskaay Teeknoo fi Daandii Qilleensa Ityoophiyaa Paarkiiwwan Indaastirii Boolee Lammii, Qilinxoo fi Infoormeeshin Teeknooloojii dawwataniiru.
Daawwannichaan filannoowwan invastimantii paarkiiwan kanneen keessa jiraan daawwattootaaf kan ibsamuu ragaan Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastiriirraa argame ni mul’isa.
Daawwattoonni yeroo ittaanutti filannoowwan invastimantii daawwatan irratti hirmaachuu akka barbaadan ibsuu eerameera.
Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa dhaabbata Booyiing waliin haadawwan elektirikaa xiyyaaraa fi meeshaalee biroo oomishuun dhiyeessuuf waliigaluu fi dhaabbatichis paarkiiwwan indaastirii keessatti meeshaalee xiyyaaraa oomishuuf yaalii kan taasisu ta’uu hoggantoonni dhaabbatichaa ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.