Dhaabbatichi naannoo Afaaritti ajjeechaa lammiilee nagaa 200 olirratt raawwatame balaaleeffate

Finfinnee, Hagayya 3, 2013 (FBC) – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni deeggarsa yeroo ariifachii daa’immanii idil addunyaa naannoo Afaaritti ajjeechaa lammiilee nagaa 200 olirratti raawwatame balaaleeffateera.

Naannoo Afaaritti Kamisa darbe daa’immaan 100 dabalatee lammiilee Buufata Fayyaa fi Mana barumsaa keessa qubatanii turan 200 olirratti ajjeechaa raawwatame Yuuniiseef balaaleeffateera.

Deeggarsi midhaan nyaataa lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirra buqqa’aniif ooluuf tures barbaadaa’uu dhaabbatichi ibseera.

Walitti bu’iinsa uumameen lammiileen hedduun buqqa’uu fi waliigalteen dhukaasa dhaabuu hojiitti hiikkamuu akka qabu waamicha dhiyeesseera.

Haleellaa gareen ABUT naannoo Afaaritti raawwateen daa’imman 107 dabalateen lammiileen nagaa 240 ajjeefamuu Al jazeeran gabaaseera.

Qaamoleen hundi miidhaa daa’immanirra qaqqabu ittisuu akka qaban Yuuniiseef waamicha dhiyeeseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment