Dhaabbatichi misooma jallisii Boneef kan oolu Xaa’oo Biyyoo Meetirik Toonii Kuma 50 Ityoophiyaaf deeggarsa taasiise

Finfinnee, Hagayya 18, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Oomishaa Xaa’oo biyyoo Moorookoo(OCP) misooma jallisii Boneef kan oolu Xaa’oo Biyyoo Meetirik Toonii Kuma 50 Ityoophiyaaf deeggarsa taasiiseera.
Muul’ata Qamadii Jallisiin misoomsuu Ityoophiyaan eegalte tumsuuf Xaa’oo Biyyoo (NPSB) Meetirik Toonii kuma 50 deeggarsaan laachuu isaanii Hojii Raawwachiisaa Olaanaan ‘OCP’ Afrikaa Dooktar Mahaammad Anuwaar Jamaalii ibsaniiru.
Deeggarsi yeroo ammaa taasiifame kun tumsa Ityoophiyaa fi dhaabbatichi qaban waaraan itti fufsiisuuf murannoo jiru kan argarsiise ta’uu kaasaniiru.
Deeggarsi dhaabbatichi Ityoophiyaaf taasiise yeroo dhiyeessiin Xaa’oo biyyoo daraan qormaata ta’etti ta’uu isaan bifa addaan kan ilaallamu ta’uu Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseen ibsaniiru.
Karoora Qamadii Jallisii Boneen misoomsuu qabame milkeessuu f murannoon akka hojjetamuuf kan tumsu ta’uu eeraniiru.
Dhaabbanni Oomishaa Xaa’oo biyyoo Moorookoo(OCP)n deeggarsa taasiiseef galateeffachuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment