Dhaabbatichi lammiilee miiliyoona 1 oliif tajaajila geejjibaa kennaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Amajjii 6, 2017 (FMC)-Deddeebii guyyaatti taasisuun lammiilee miiliyoona 1.1 oliif tajaajila geejjibaa kennaa jiraachuu Dhaabbanni Tajaajilaa Geejibaa Awutoobisii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Dhabbatichaa Akaaluu Asaffaan, obboroo sa’aatii 11:00 irraa eegalee hangaa galgala sa’aatii 4:00’tti Awutoobisoonni 988’n tajaajila geejjibaa idilee kennaa jiraachuu Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif ibsaniiru.

Bara darbe guyyattii lammiilee kuma 600 tajaajlaa turuu yaadachiisanii baraa bajataa kanatti dandeetti deddeebii guyyaan lammiilee miiliyoona 1.1tti tajaajiluutti guddisuu kaasaniiru.

Sararoota 182’n tajaajila kennaa jiraachuus kaasanii, baatiiwwan 6’n darbanittis deddeebii guyyaatti taasisuun lammiilee miiliyoonaa 100 fi miiliyoona 98’f taajaajila kennuu eeraniiru.

Tajaajila geejjiba magaalatti %30 kan uwwisu dhaabbatichi, tajaajiloota biroo dabalatee Awutoobisoonni kuma 1 fi 140 magaalattiitti tajaajila kennaa akka jiran himaniiru.

Kenniinsa tajaajilaa geejjibaa dhaabbatichi kennu ammayyeessuun tajaajila fooyya’aa kennuuf qophii ta’uu himaniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment