Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) – Dhaabbanni ‘Hundee Oromo Grass Root Development Initiative’’ jedhamu horsiisee bultoota godina Booranaa hongeen Miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa taasise.
Deeggarsichi gandoota aanaalee Yaaballoo, Elwayyee, Areeroo fi Goomolee saddeetiif kennamuu eerameera.
Dhaabbatichi abbootii warraa 715’f deeggarsa midhaan nyaataa kanneen akka boqolloo fi bolqqee kuntaala kuma 2 fi 185 akkasumas zayita nyaataa liitira kuma 6 fi 35 deeggarsa taasisuu ibsameera.
Dabalataanis, daa’imman hanqina nyaataa qabaniif nyaata madaalamaa kuntaala 162 fi zayita nyaataa liitira 750 dabalataan kennamuu OBN gabaaseera.
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.