Dhaabbatichi hoggantootaa fi hojjettoota rakkoo namuusaa qaban 120 irratti tarkaanfii fudhachuu beeksiise

Finfinnee, Adoolessa 22, 2014 (FBC) – Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaa Hoggantootaa fi hojjettoota kenniinsa tajaajilaarratti rakkoo namuusaa uumuun 120 tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachuu beeksiseera.
Tarkaanfiin fudhatame komii fi eeruu tajaajilamtootaa bu’uura taasiisuun ta’uu Daayrektarri Namuusaa fi farra Malaammaltummaa dhaabbatichaa Obbo Hibirawarq Yimanuu ibsaniiru.
Dhaabbatichi bara baajataa xumurame eeruuwwan 145 fuudhuun irratti hojjechaa turuu kaasaniiru.
Komii fi eeruu hoggantoota fi Hojjettoota 221 irratti dhiyaate qulqulleessuun namoota rakkoo namuusaa uuman 120 irratti tarkaanfii fudhachuu ibseera.
Dhimmi namoota 101 ammoo karee namuusaa dhaabbatichaan ilaallamaa jiraachuu himaniiru.
Obbo Hibirawarq, hawaasni hojmaata badaa muul’atu saaxiluun mirga isaanii karaa seeraan kabachiifachuu akka qaban waamicha dhiyeessuu isaanii ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment