Dhaabbatichi  gareen shorokeessaa ABUT Cinaa fi Qobbootti lammiilee nagaa jumlaan ajjeesuu ibse

Finfinnee, Mudde 1, 2014(FBC)- Dhaabbanni Humaan Raayits Woch gareen shorokeessaa ABUT magaalota Cinaa fi Qobbootti lammiilee nagaa jumlaan ajjeesuu ibseera.

Dhaabbatichi gabaasa guyyaa kaleessaa baaseen, gareen shororkeessaa ABUT Hagayya 30, 2021 hanga Fulbaana 9, 2021tti naannoo Amaaraa bakkeewwan weeraree turetti lammiilee nagaa hedduu jumlaan ajjeesuu ibseera.

Bakkeewwan gochi kun itti raawwate keessaa gandi Cinaa tokko yoo ta’u gandichatti gareen shororkeessaa ABUT lammiilee nagaa 26 jumlaan ajjeesuu hawaasni naannichaa dhaabbatichatti himaniiru.

Magaalaa Qobbootti gaafa Fulbaana 9 gareen shororkeessaa kun namoota nagaa 23 ajjeesuu ibsameera.

Loltoonni garee shororkeessaa ABUT ofirrummaa lubbuu dhala namaa fi seerota waraanaaf qaban namoota hidhaanii turan ajjeesuun ibsaniiru jedhan Daayriktarri Walitti bu’iinsaa dhaabbatichaa Laamaa Faakiihi.

Waraanichi gara naannoo ollaa Amaaraatti babal’achuun lammiilee hedduu qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqisuu gabaasichi eereera.

Naannichatti namoota miiliyoona 3 fi kuma dhibba 7 deeggarsi namoomaa akka barbaachisu ibseera.

Hidhattoonni garee shororkeessaa ABUT seera namoomaa idil addunyaa eeguun miidhaa lammiilee nagaarraan ga’an hatattamaan akka dhaaban dhaabbatichi yaadachiiseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment