Dhaabbatichi biyyoota jijjiirama qabeenya qilleensaan miidhamaniif beenyaan akka kaffalamu sagalee ta’uu qabu-Aadde Samaaritaa Sawaasawu

Finfinnee, Sadaasa 19, 2015 (FBC)-Biyyoonni miseensota Dhaabbata Biyyoota Kaaribiyaanii fi Paasifiikii, biyyoota jijjiirama qabeenya qilleensaan miidhamaniif beenyaa kennuuf fandii hundeeffameen biyyoonni guddachaa jiran deeggarsa faayinaansii akka argatan sagalee isaanii dhageessisuu akka qaban Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Aadde Samaariitaa Sawaasawu hubachiisan.

Ityoophiyaan yaa’ii biyyootaa Afrikaa, Kaaribiyaanii fi Paasifikii 115ffaarratti hirmaachaa jirti.

Aadde Samaariittaan yaa’icharratti haasawaa taasisaniin, Dhaabbanni Biyyoota Kaaribiyaanii fi Paasifiikii fi Afrikaa ergama sirnaan bahachuuf fooyya’iinsi jiru ciminaan hojiirra ooluu akka qabu ibsan.

Dabalataanis, biyyoonni miseensota Kaaribiyaanii, Paasifikii fi Afrikaa biyyoota miidhamtootaa jijjiirama qabeenya qilleensaaf beenyaa kennuuf fandii hundeeffameen biyyoonni guddachaa jiran deeggarsa faayinaasii barbaachisaa akka argataniif sagalee isaanii dhageessisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Aadde Samariitaan yaa’ichaan cinaatti biyyootaa miseensota dhaabbatichaa fi miseensota Mana Maree Gamtaa Awurooppaa waliin dhimmoota tarsiimawoo irratti marii tumsa misoomaa taasisuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment