Dhaabbaticha cimaa fi dorgomaa taasisuuf hojjetamaa jira -Dr Warqinah Gabayyoo

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Barreessaa olaanaan Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Dooktar Warqinah Gabayyoon dhaabbata hogganan cimaa fi dorgomaa taasisuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa ega hundaa’ee waggaa 34 yammuu ta’u, biyyoota baha Afrikaa miseensummaan hammachuudhan hojii hundagaleessa hojjechaa tureera.

Dooktar Warqinah ega barreessaa olaantummaan muudamanii naannoo baatii lamaa lakkoofsisaniiru.

Bulchiinsaa fi caaseffamasaa fooyyessuuf irra deebiin irratti hojjechaa jiraachuus Tajajaila Oduu Ityoophiyaatti himaniiru.

Dhaabbanni isaanii biyyoota baha Afrikaa 8 miseensummaan hammatee socho’aa kan jiru yammuu ta’u, seeronnii fi caaseffamni isaa bubbule sirreeffama barbaada jedhu Dooktar Warqinah Gabayyoon.

Hojjettoota 480 kan qabu yammuu ta’u, akka haaraatti yoo sirreeffamee dhufu hirmaannaa biyyootaa xiyyeeffannaa keessa ni galcha jedhaniiru.

Seeronni durii hojiirra oolaa waan jiraniif, buusii biyyoota miseensa ta’anii walitti qabuun rakkoo akka ta’aa jirus kaasu.

Seerri durii osoo hin fooyya’in Sudaan Kibbaa, Sudaanirraa adda baatee biyya of dandeesse taatetti.

Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa cimaa fi dorgomaa gochuuf dhaabbilee tumsaa, deeggarsaa, qooda fudhattoota mara waliin qindoominaan ni hojjenna jedhaniiru.

Dooktar Warqinah barreessaa olaantummaa kan fudhatan dhaabbaticha waggoota 11f kan hogganan Ambaasaaddar Maahibuub Ma’alliim irraayi.

Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa Ityoophiyaa, Keeniyaa, Sudaan, Jibuutii, Eertiraa, Yugaandaa, Soomaaliyaa fi Sudaan Kibbaa miseensummaan hammachuudhan hojiilee hedduu hojjechaa jira.

Comments (0)
Add Comment