Finfinnee, Amajjii 4, 2015 (FBC) – Dhaabbata teeknooloojii ammayyaa fi humna namaa gahumsa amansiisaa ta’e qabu ijaaraa jirra jedhan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.
Humni qilleensaa Ityoophiyaa miseensotaa sadarkaa 7’n fooyya’iinsa ogummaa taasiisan buleeyyii fi haaraa leenjii loltummaa bu’uraa xumuran eebbisiiseera.
Humni qilleensaa teeknooloojii ammayyaa fi humna namaa gahumsa qabuun gurmaa’aa jiraachuu Ajajaan olaanaa humna qilleensaa Ityoophiyaa Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsaniiru.
Dhaabbatichi dhaabbata cimaa biyyaaf dhaabbatee fi yeroo waliin tarkaanfachaa jiru ta’uu himaniiru.
Naannoo qilleensaa fi daangaa biyyaa haala amansiisaa ta’een to’achuu kan danda’u ta’uu ibsaniiru.
Eebbifamtoonni guyyaa har’aa eebbifamanis dhaabbata wal harkaa fuudhinsa dhalootaan ijaarramuuf humna dabalataa kan ta’an ta’uu kaasaniiru.
Duudhaa fi Aadaa dhaabbatichaa haala hordofeen leenjii itti aanuuf of qopheessuu akka qaban hubachiisaniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.