Dhaabbata qola bunaa fi lawuzii samerraa zayiita nyaataa oomishurratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2015 (FBC)- Qola bunaa lawuzii sameen makuun dhaabbata zayiita nyaataa oomishurratti tarkaanfiin fudhatame.

Abbaan Taayitaa Bulchiinsaa fi To’annoo Nyaataa, Qorichaa, Kunuunsa Fayyummaa Finifnnee waajjiraalee kabajchiisaa dambii aanaa fi kutaa magaalaa waliin qindoomuun, Finfinnee Kutaa Magaalaa Guullallee Aanaa 04’tti, dhaabbata qola bunaa fi lawuzii samerraa zaayitaa nyaataa oomishuurratti tarkaanfii fudhachuu beeksiseera.

Dhaabbatichi waraqaa ragaa eegumsa fayyaa kan hinqabne ta’uu, oomishaaleen galteef itti fayyadamu qulqullinaa fi nageenyummaa kan hinqabne, ulaalagaalee qulqullinaa kan hinguunne ta’uu mirkanaa’uu ibseera.

Dhaabbatichaarratti galteewwan oomishaaf itti fayyadaman sirnaan akka dhabamsiisfamanii fi qaamolee dhimmicha keessatti hirmaatan to’annoo seeraa jala oolchuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Abbaa Taayitichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment