Dhaabbanni Walta’iinsa Idil Addunyaa Jaappaan Itiyoophiyaatti hojiilee teeknooloojii ka’umsaa akka tumsu ibse

Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC)- Dhaabbanni Walta’iinsa Idil Addunyaa Jaappaan (JICA) Itiyoophiyaatti hojiilee teeknooloojii ka’umsaa tumsuun damee dhuunfaa cimsuuf akka hojjetu ibse.

Ministiri Ministeeraa Innooveeshinii fi Teeknooloojii Ittaanaa Hoji Gaggeessaa Dhaabbatichaa Imootoo Saachiitoo waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniiin Dooktar Ballaxaan abbootii qabeenyaa dhaabbilee daldalaa ka’umsaa waliin baatii Waxabajjii muuxannoo argachuu kaasaniiru.

Fuuldurattis Giddugalaa Teeknoolojii quunnamtiif Odeeffannoo, ijaarsa magaalotaa moodelaa fi dameewwan walta’iinsaan dhaabbilee teeknooloojii Jaappaan waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Iimootoo Saachiitoo gama isaaniin, Jaappaan damee dhuunfaa cimsuu fi walta’iinsa invastimantii babal’isuun dhimma xiyyeeffannaa adda duree kennituuf keessaa Itiyoophiyaan tokko ta’uu eeraniiru.

Dabalataan JICA’n dameewwan walta’iinsaa damee dhuunfaa, kennaa dargaggootaa gabbisuu fi sagantaalee misoomaa namarratti xiyyeeffatan hojjechuuf karoora qabaachuu hubachiisaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment