Maashinni konkolaattoota darban irra humna elektirikaa maddisiisu ifoome

Finfinnee, Bitootessa 27, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Turkii maashina konkolaattoota daandiirra darban irra humna elektirikaa maddisiisu hojjechuun beeksiseera.

Dhaabbata Turkii Teek DVSH jedhamuun kan oomishame maashinni kun tarbaayinaa socho’uu kan qabu yoo ta’u, qilleensa konkolattonni daandiirra socho’aan uuman gara humna elektirikaatti jijjiiruu danda’aa jedhameera.

Maashinichi qilleensa konkolattonni daandiirra socho’aan uuman gara humna elektirikaatti jijjiiruu dabalate hanga kaarboon daayoksaayiidii qilleensa naannoorra jiru safaruu kan danda’u ta’uu ibsameera.

Dabalataanis Taarbaayinichi qilleensa konkolaattootaarra argatuu fayyadamuun sa’aatiitti humna elektirikiaa kiiloo waattii 1 maddisiisuu danda’aa jedhameera.

Maashinichi Turkii magaalaa Istaanbuuliitti yaalii taasifamuu ragaan Yuunilaand ni muul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment