Dhaabbanni tola ooltummaa Kameed Sheer Idil Addunyaa Bulchiinsa Magaalaa finfinneef deeggarsa meeshaalee taasise

Finfinnee, Eebila 3, 2012 (FBC)-  Dhaabbanni tola ooltummaa Kameed Sheer Idil Addunyaa tattamsa’ina vaayrasi koroonaa ittisuuf kan dandeesisu deeggarsa meeshaalee  Bulchiinsa Magaalaa finfinneef kenne.

Deeggarsicha kan fuudhaan Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa lammiileen Ityoophiyaa dhaabbatichi deeggarsa Ityoophiyaadhaf akka taasisuuf ga’ee isaani ba’atan galateeffataniiru.

Deeggarsichi haguuggii fuulaa kuma 45, uffata yaalaa fi haguuggi harkaa fa’i.

Dhaabbatichi kanaan duratti damee fayyaaf deeggarsa taasisa tureera.

Kanaan duratti deeggarsa birrii miiliyoona 20tti tilmaamamu kan  taasise yoo ta’u, yeroo ammaa tattamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf  carraqqii godhamaa jiru deeggaruuf akka ta’es ibseera.

 

Comments (0)
Add Comment