Dhaabbanni Preesii Ityoophiyaa Mana Kitaabaa Abrihootiif marsaa 2’n Kitaabilee kuma 15 ol arjoome

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Preesii Ityoophiyaa Mana Kitaabaa Abrihootiif marsaa 2’n Kitaabilee kuma 15 fi 400 arjoome.

Dhaabbatichi Kitaabilee afaan biyya keessaa fi afaanota alaan barreeffaman mana kitaabichaaf arjoomuu ibsameera.

Kitaabileen kunneen dhaabbilee dhaabbaticha waliin hojjetan, namoota dhuunfaa fi hojjettoota dhaabbatichaarraa walitti qabamuu hojii raawwachiisaa olaanaan dhaabbatichaa obbo Geetinnat Taaddasaa ibsaniiru.

Kitaabilee kanneen fuuchuuf Waajjira Muummee Ministeera bakka bu’uun kan argaman Dooktar Taammiraat Hayileen, Dhaabbanni Preesii Ityoophiyaa ga’ee ba’ateef galateeffachuun warreen kaanis deeggarsa taasisan cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

Dhaabbanni Preesii Ityoophiyaa kanaan dura mana kitaabichaaf kitaabilee kuma 5 ol arjoomuun isaa kan yaadatamudha.

Mattaagas Ayallinyitu gabaase.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment