Dhaabbanni oomisha sibiilaa Kooriyaa Ityoophiyaatti oomishaalee fi bu’aawwan sibiilaa oomishuuf deeggarsa akka taasisuu ibse

\Finfinnee, Eebila 5, 2014 (FBC) –Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan hogganaa fi ogeeyyii Dhaabbata Oomisha Sibiilaa Kooriyaa Paaskoo waliin guyyaa har’aa mari’ataniiru

Marichaanis albuuda sibiilaa Ityoophiyaa fayyadamuun oomishaalee sibiilaa fi bu’aawwan sibiilaa oomishuuf karoora qabameen Paaskoon maallaqaan, ogummaa fi teeknikaan akkasumas deeggarsa ijaarsa dandeetti taasisuuf walii galuu ibsameera.

Injiinar Taakkalaan fuula miidiyaa hawaasa isaaniin erga dabarsaniin, dhaabbatichi yeroo dhiyootti qorannoo bu’aa qabu, warshaa dhaabuu fi hojiiwwan misooma humna namaarratti deeggarsa taasisuuf ogeeyyii Ministeera Albuudaa waliin hojii eegaluu eeraniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment