Dhaabbanni Nyaataa fi Qonna addunyaa Ityoophiyaaf Heeliikooptaroota 3 deeggarsa taasise

Finfinnee, Eebila 24, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Nyaataa fi Qonna Addunyaa Ityoophiyaaf Heeliikooptaroota 3 dabalataan deeggarsa taasisuu isaa Ministeerri Qonnaa FDRI beeksise.
 
Bakka Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen, bakka buutiin Dhaabbata Qonna fi Nyaata Addunyaa Faaxumaa Saydii fi hoggantoonni olaanaan hedduun argamanitti sirni walharkaa fuudhinsaa Buufata Xiyyaaraa Idila Addunyaa Booleetti gaggeeffameera.
 
Heeliikooptaroonni kunneen weerara hoomaa awwaannisa ittisuuf kan oolan ta’uu ibsameera.
 
Dhaabbatichi kana dura Heeliikooptaroota keemikaala biifan 2, konkolaattoota fi meeshaalee biroo Ityoophiyaa deeggaruu isaa ragaan Fuula Feesbuukii Ministeera Qonnaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment