Dhaabbanni Nyaata fi Qonna Addunyaa (FAO)n Ityoophiyaaf deeggarsa taasise

Finfinnee, Bitootessa 12, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Nyaata fi Qonna Addunya (FAO)n Ityoophiyaatti weerara hoomaa awwaannisaa ittisuuf xiyyaara keemikaala biifu deeggarsa taasiseera.

Deeggarsu kun yeroo 2ffaaf ta’uu ibsameera.

Yeroo murteessatti deeggarsi kun argamuun isaa weerara hoomaa awwaannisaa ittisuuf shoora olaanaa kan qabu ta’uu Ministirri Ministeera Qonnaa Ityoophiyaa obbo Uumar Huseen dubbataniiru.

Dhaabbatichi dabalataan konkolaatoota Piikkaappii 2, biifaa harkaan hojjetu 300, konkolaattoota biifaa qaban 20 fi biifaa motoraa 20 deeggarsaan laatera jedhame.

Akkasumas dhaabbanni nyaata addunyaa gara fulduraatti Piikaappoota 30 biyyattiif laachuuf waadaa galuu isaa ragaan dhaabbaticharraa argame ni muul’isa.

 

Comments (0)
Add Comment