Dhaabbanni Neezarlaand abbootii qabeenyaa beelladaa Ityoophiyaa akka deeggaru beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Neezarlaand Projektii misooma qabeenya beelladaa eegaluun abbootii qabeenyaa beelladaa Ityoophiyaa akka deeggaru beeksise.

Ambaasaaddar Hiruut Zamanaa guyyaa kaleessaa Daayrektara dhaabbata daldalaa Neezarlaand Piikooliin/Shiippiipars jedhamuu Miistar Jeeroon Beeyjaarn waliin dhimma projektichaarratti mari’ataniiru.

Dhaabbatichi oomisha beelladaa guddisuurratti xiyyeeffannoo kennee kan hojjetu ta’uu fi kanaan dura Ministeera Qonnaa waliin damee qabeenya beelladaarratti deeggarsa eegale haala danda’amurratti yaada waljijjiiruu ibsameera.

Ambaasaaddar Hiruut Ityoophiyaan qabeenya beelladaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 60 ol qabaachuu kaasuun fedhii dhaabbatichi damee qabeenya beelladaarratti bobba’uuf agarsiise dinqisiifachuu eerameera.

Projektichi daldala kontiroobaandii beelladaa ittisuunii fi abbootii qabeenyaa qabeenya beelladaa gadi aanaa qaban deggaruun si’aayina daldala damechaa kan guddisu ta’uu Abaasaaddar Hiruut addeessaniiru.

Miistar Jeeroon Beeyjaarn gamasaaniin qulqullina bakka oomisha beelladaa eeguun qabiinsa beelladaa bu’aa qabeessa uumuu fi faayinaansii abbootii qabeenya beelladaa gadi aanaan guddisuuf dhaabbanni isaanii xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment