Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii xiyyaarota nam-maleeyyii waraanaaf oolan garee qoratu nan erga jechuun fudhatama hinqabu-Raashiyaa

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2015 (FBC)–Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii waraana Yuukireeniif xiyyaarota nam-maleeyyii faayidaarra oolan garee qoratu nan erga jechuun fudhatama hinqabu jechuun Raashiyaan mormite.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, itti fayyadama diroonii Mooskoo ilaalchisuun walga’ii cufaa gaggeesseera.

Kana hordofees Ameerikaatti Ittaanaa Ambaasaaddara Raashiyaa Dimiitirii Poliyaaniskiin, Barreessaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareesii fi deeggartoonni isaanii seeraan ala, qorannoo hinbarbaachifnerraatti qooda fudhachuurraa akka of qusatan gaafataniiru.

Raashiyaan waraannicharratti diroonii fayyadamtee kan Raashiyaatti hojjetamanii malee eessaayyuu kan dhufan miti jechuun ambaasaaddarichi walga’ichaan boodaa miidiyaaleef ibsa kennaniin himaniiru.

Antooniyoo Guutarees akkuma biyyoonni Lixaa jedhan xiyyaarri nam-maleeyyiin kan Iraanitti hojjetaman ta’uu fi ta’uu dhiisuu adda baasuuf ogeeyyi qorattootaa kan ergan yoo ta’e hariiroo dhaabaticha waliin qaban irra deebiin ilaaluuf dirqamna jechuu isaanii RT’n gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment