Dhaabbatichi doolaara Ameerikaa biiliyoona 10.3 walitti qabuuf karoorfate

Finfinnee,Adoolessa 10, 2012 (FBC) Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf Doolaara Biiliyoona 10.3 walitti qabuuf waamicha dhiyeesse.
 
Dhaabbatichi weeraricha too’achuuf deeggarsi maallaqaa karoorfate kun deeggarsa hanga ammaatti walitti qabaa ture hunda kan caalu ta’uu ibsameera.
 
Maallaqni kun biyyoota galii gadi aanaa qabamaniif kan oolu ta’uu himameera.
 
Gama biroon sababa weerara vaayrasii koroonaan dhuma bara kanaa namoonni miiliyoonni dhibbi 2 fi kumni 56 balaa beelaaf kan saaxilaman ta’uu ibsameera.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment