Finfinnee, Waxabajjii 24, 2014 (FBC) – Tarkaanfii dhukaasa dhaabuu mootummaan fudhate hordofee Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dhiyeessii deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayiif taasiisu cimsee itti fufu ta’uu beeksiseera.
Eebila 1 eegalee naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif midhaan nyaataa fi meeshalee nyaataan alaa dhiyeessaa jiraachuu dhaabbatichi ibseera.
Kanaanis Sagantaan Nyaataa Addunyaa midhaan nyaataa namoota miiliyoona 5.9 ga’uu danda’u dhiyeessuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Fuula Tiwiitarii isaaniin himeera.
Mootummaan Federaalaa lammiilee naannoo Tigraayiif deeggarsi namoomaa akka qaqqabuuf tarkaanfii dhukaasa dhaabuuf fudhachuun isaa kan yaadatamuudha.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.