Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Misooma Baadiyyaa Afrikaa fi Eeshiyaa proojektoota misooma baadiyyaa Ityoophiyaa keessatti hojjetaman akka deeggaru beeksiseera.
Hinditti Ambaasaaddarri ItyoophiyaaTizitaa Mulugeetaan Dhaabbata Misooma Baadiyyaa Afrikaa fi Eeshiyaatti Gargaaraa Barreessaa Olaanaa Raamii Kitaayishaat waliin mari’ataniiru.
Marii kanarratti qorannoo bulchiinsa misooma baadiyyaa fi leenjii bulchiinsa misooma qurxummii fi sagantaalee ijaarsa dandeettii haala babal’isuu fi tumsuun danda’amu irratti mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Tizitaan Ityoophiyaan workishooppii adda addaa akkasumas carraa barnootaa bilisaa fi leenjii ijaarsa dandeettii irratti hirmaachuun fayyadamoo taateerti jedhan.
Gargaaraa barreessaa olaanaa Dhaabbata Misooma Baadiyyaa Afrikaa fi Eeshiyaa Raamii Kitaayishaat gama isaaniitiin, hojii Ityoophiyaan damicharratti hojjechaa jirtu dinqisiifachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Carraa Dhaabbatichi kennu keessatti caalmaatti hirmaachuu akka qabdu eeruun, dhaabbatichi proojektoota misooma baadiyyaa Ityoophiyaa deeggaruuf kutannoo qabaachuu eeraniiru.
Dhaabbanni Misooma Baadiyyaa Afrikaa-Eshiyaa dhaabbata sagantaalee misooma baadiyyaa itti fufiinsa qabu Afrikaa fi Eeshiyaa keessatti hojjetamaa jiru kan adeeggarudha.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.