Dhaabbanni maqaa “Yuunivarsiitii Beekumsa Biyya Keessaa Ityoophiyaa” jedhuun hundaa’e hinjiru- ATBLF

Finfinnee, Caamsaa 30, 2014 (FBC) – Abbaan Taayitaa Barnootaa Fi Leenjii Federaalaa maqaa “Yuunivarsitii Beekumsa Biyyaa Keessaa Ityoophiyaa” jedhuun dhaabbanni hundaa’e akka hinjirre beeksise.
Abbaan taayitichaa akka beeksisetti, dhaabbileen barnoota olaanoo kamiyyuu kan hundaa’uu danda’an labsii lakkoofsa 1152/2011 akkasumas dambii Mana Mare Ministirootaa lakkoofsa 515/2014’tiin abbaa taayitichaarraa eeyyaama wayita argatan qofa ta’uu ibseera.
Haa ta’u malee, “Yuunivarsitii Beekumsa Biyya Keessaa Ityoophiyaa” moggaasa jedhuun Caamsaa 29, 2014 akka hundaa’ee kan ibsu miidiyaa hawaasummaarraa tamsa’aa jiraachuu ibseera.
Abbaan taayitichaas moggaasa kanaan dhaabbanni of beeksisaa jiru abbaa taayitichaarraa eeyyaama argatee akka hinjirree fi hawaasni eeggannoo barbaachisaa akka taasisu akeekkachiiseera.
Dabalataanis, fuulduratti hojii qulqulleessuu gaggeessuun tarkaanfiin sirreeffaamaa seeraan kan fudhatamu ta’uu beeksiseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment