Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa vaayrasii koroonaa ittisuuf Ityoophiyaaf deeggarsa maallaqaa Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 11 raggaase

Finfinnee, Eebila 23, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa vaayrasii koroonaa ittisuuf Ityoophiyaaf deeggarsa maallaqaa Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 11 raggaase.

Sagantaa jijjirama Diinagdee Ityoophiyaan Baatii Muddee darbe baafte milkeessuu fi liqaa irra jiru hir’isuuf deeggarsa kana taasisuu isaa Boordiin Fandii Maallaqaa Addunyaa beeksiseera.

Deeggarsi kun Ityoophiyaan damichaan maallaqa ishee barbaachisu guutumaan guutuutti kan milkeessudha jedhame.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Dhaabbatichi yeroo rakkisaa kanaatti Ityoophiyaa cinaa dhaabbachuu isaaf galateeffataniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment