Dhaabbanni Liqii fi Qusannaa Amaaraa deeggarsa Birrii miiliyoona 15 laate

Finfinnee, Eebila 19, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Liqii fi Qusannaa Amaaraa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa Birrii miiliyoona 15 laate.
 
Deeggarsa maallaqichaas hoji raawwachiisaan dhaabbatichaa obbo Makoonnan Yallawumwasan cheekidhaan itti aanaa preezdaantii mootummaa naannichaa Dooktar Fantaa Maandafroof laataniiru.
 
Gamoowwan dhaabbatichaa magaalota addaddaa 5 keessatti argamanii fi baatitti tokkoon tokkoon isaanii amma Birrii kuma 50tti kireeffaman wiirtuu yaalaa ittisa vaayrasii koroonaa akka ta’an laatera.
 
Dabalataan obbo Balaaynah Kindeenis deeggarsa Birrii miiliyoona 4 laataniiru.
 
Qindeessummaa obbo Ababaaw Dastaatin ammoo Birrii miiliyoonni 17 walitti qabameera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment