Dhaabbanni Giloobaal Paartinarshiip foor Ityoophiyaan Doolaara miiliyoona 850 mootummaaf galii taasiise

Finfinnee, Caamsaa 27, 2013 (FBC) – Dhaabbanni Giloobaal Paartinarshiip foor Ityoophiyaan Doolaara miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 50 mootummaaf galii taasisuu Abbaan Taayitaa Kominiikeeshinii Ityoophiyaa beeksiiseera.
Damee Opireeshinii Teeleekoomii irratti hirmaachuuf caalbaasii kan injifate Dhaabbanni Giloobaal Paartinarshiip foor Ityoophiyaan Doolaara miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 850 mootummaaf galii taasiisuu ibsameera.
Akkaataa ulaagaa Caalbaasichaan qaamni dorgomich injifate guyyoota 14 keessatti gatii Caalbaasicha ittiin moo’ate mootummaaf galii akka taasiisu kan tumame ta’uu Daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Kominiikeeshinii Ityoophiyaa Injiinar Baalchaa Roobaa himaniiru.
Dhaabbatichi caalbaasicha kan ittiin gaggeessu Doolaara Miiliyoona dhibba 5 Ingilizii fi Ameerikaarraa liqaa argachuu himaniiru.
Caalbaasii Opireeshinii Teeleekoomii 2ffaa baasuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo Waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment