Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Tajaajila Loojistikii Ityoophiyaa raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 55 ol taasise

Finfinnee, Hagayya 11, 2013 (FBC)- Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fiTajaajila Loojistikii Ityoophiyaa raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 55 ol taasiseera.

Hoggantoonnii fi hojjettoonni dhaabbatichaa miindaasanii baatii tokkoorraa deeggarsa Birrii miiliyoona 15.8 kan taasisan yoo ta’uu, dhaabbatichi gama isaatiin ammoo deeggarsa Birrii miiliyoona 40 kuma dhibba 1 fi kuma 64 fi 600 taasiseera.

Waliigala miindaa baatii tokkoo hoggantoota fi hojjeettoota akkasumas dhaabbatichaa Birrii miiliyoona 55 fi kuma dhibba 9 fi kuma 64 fi 600 raayyaa ittisa biyyaaf galii taasisuu ragaan dhaabbaticharra argamee ni muul’dhisa.

Akkasumaa dhiiga arjoomuun deeggarsa taasisaan cimsanii kan itti fufaan ta’uu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment