Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Tajaajila Loojastiiksii Ityoophiya bu’aa Birrii biiliyoona 1.22 argate

Finfinnee, Amajjii 21, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Tajaajila Loojastiiksii Ityoophiyaa baatiwwan 6n darbanitti bu’aa Birrii biiliyoona 1.22 argachuu beeksise.

Dhaabbatichi baatiiwwan 6n darbanitti tajaajila maamiltootaaf kennu irraa taaksii dabalatee Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 75 walitti qabuuf karoorfatee Birrii biiliyoona 1.22 ol walitti qabuu beeksiseera.

Bu’aan argame kun kan bara baajataa darbeen yoo madaalamu % 46.5 caalmaa qabaachuu itti aanaan hojii gaggeessaa olaanaan tajaajila damee koorporeetii obbo Wandimmuu Danbuu dubbachuu isaanii ragaan dhaabbatichaarraa argame ni mul’isa.

 

Comments (0)
Add Comment